Search
Close this search box.
Archives

The Habesha: Latest Ethiopian News, Analysis and Articles

English French German Hebrew Swedish Spanish Italian Arabic Dutch

IBSA WALOO HUMNOOTA SIYAASAA FI HAWAASAUMMAADIMOOKRAAASII ITOOPIYAA

August 10, 2012

Haallii yeroo ammaa hirreen mootummaan cunqursaa wayyaanee akkuma mootumoota cunqursaa kamiituu gara kufaatii fi faca’iinsa maayii cee’haa akka jiru mul’isa. Kufaatiin mootummoota cunqursaa yeroo hundaa kan walfakkaatu fi kan nagaha ummataa fi biyyaa booresuun balaa hinyaadamne geesisu ta’uu akka danda’u tilmaamuun durumaan fala balaa kana hanqisu yookaan xiqqeessuf durumaan itti qophaa’uun barbaachisaa ta’ee jira.
Sirni cunqursaa wayyaanee/EPRDF/ sirna abbaa irree nama tokkoo yookaan Muumicha Munisteeraa Mallasaan akka fedhe godhu waan ta’eef Mallasaan dhibamuu/miidhamuu/ irraa kan ka’ee rakkoon eennutti agnoo qabata’aafi sochii ummataatiin woliiqabatee haalli garmi deemaa jiraa ka jedhu nama yaachisaa jiraa.
Haalli biyya keessaa garam akka tarkaanfatu tilmaamun nama dhiba. Kufaatiin sirna woyaanee karaa kamiinuu taanaan waan hafu akka hin taane waan beekamuuf ammas akkuma sochiiwwan ummataa armaan duraatti humnoota hinbeekaminneen karaa irraa butamee cunqursitoota biroo harka akka hin seenne humnootin bilsummaa fi dimookraasii hundii dursanii waliigaluun itti qophaa’un murteessaa dha jennee amanna.
Haalli amma biyya keessa jiru miidhaa fi dararaan, hidhaa fi ajjeechaan walumaa gala hacuucaan mirga dhala namaa fi mirga dimookraasii guutee irraan jigaa akka jiru agarsiisa. Kanaan wal qabatee sochiin ummataa waan itti cimaa deemeef mootummaan abbaa irree TPLF/EPRDF biyyatti bulchuu gara dadhabutti gahaa waan jiruuf dhaabotiin mormitootaa ufi eegannaan cimmaan haala kana hordoofuu fi karaa qabsiisun barbaachisaadha. Haalli addaa dhalatee biyyaa fi ummata keenya gara badiitti akka hin geesinne ummata keenya tasgabeesu fi sochii ummataa qarrumaan hoogganuun gara injifaanoo maayitti geessuun dirqama gateettii dhaabotii mormitootaa irratti kufe tayee jira. Dirqama ulfaataa kana bahuun kan dandayamu humnootiin dimookraasii hundii yoo dandayame tokko ta’uudhaan yookaan ammoo wal- mariidhaan sochii ummataa hoogganuu yoo danada’an qofa dha.
Kanaaf,humnoonni dimookraasii fi biilisummaa ( dhaabota siyaasaa fi hawaasummaa) hundii dhimmoota armaan gadii irratti waliin hojjachuuf waldhageettii irra gahanii jiru.
1. Kaayyoon waliif tumsaa fi waliin hojjachuu kanaa Itoopiyaa keessatti sirna dimookraasii fiduuf taya.

2. Sirna dimookraasii fiduuf mootummaa cee’umsaa kan humnoota dimookraasii hunda hirmaachisu yookaan ammatu uumun sirna filmata bilisa fi ifa (free & fair election) kan humnootaa fi umanni hundii wal- qixummaan qooda irraa fudhataan taasisuuf ni hojjanna, ni qabsoofina. Qaama adeemsa kana hordofuu fi odeessaa barbaachisaa ta’e waliif dabarsu wal qunnamttii jaarmota kana jidutti cimsu humnoota biyya keessaa fi biyya alaa irraa kan walitti dhufe ni uumna. Qaamnni kunis haala yeroo hordofuudhaan ijannaa fudhatamu fi karoora hujii kan waloo yeroo yeroodhaan akeeka.

3. Sochii buu’uurfama sirna dimookraasii fashalsu, tokkummaa biyyatti gaafatama keessa galchuu fi harka diigaa alagaa kamuu dura dhabanna.

4. Maree sirna dimookraasii utubuu keessatti adeemsa karaa qurxaa kan humnoota dimookraasii mormotootaa kamuu moggeesu ni balaalefanna, dura dhaabanna.

5. Lammiin hundu gosaa fi amantan osoo hinqoodinni akkaata itti jedhamee kanati tokkomma biyya jalatti: woliitumsuu, wolidanda’u fi woliin akka qabsawaan waamicha gonna.
Umanni keenya haaluma kanaan akka walitti dhufuu fi tokkummaan qabsaawu waamicha goona. Haaluma kanaan Itoopiyaa keessatti sirni dimookraasii haqaa akka utubamee,ol’aatumaan seeraa mirkanaawee, mirgi nam tokkee fi saba fi sablammoota woliqixatti ka keessatti tikfamu sirna dimookraasi dhugaa ummuu fi tikfamuu akka danda’ufi biyya keenya keessatti nagaha waaraafi guuddina biyyaa fiduuf ummanni biyyatti hundii tokkummaan akka qabsaa’u waamicha walii galaa yennaa goonu. keesumatti:
1. Humnni waraana raayyaa gaaftamnni isaa nam tokkee yookaan murna bicuuf osoo hin ta’in nagaha biyyaa fi ummataa tiksuu waan tayeef gaafatama seenaa jalaa uf baasuun sochii ummataa cinaa akka dhaabattan waamicha lammummaa isiniif goona.

2. Hunnoonni TPLF/EPRDF keessa jirataan jijjiirama barbaadaan akka huminatti ta’ee dhunfatti gara humnoota/sochi falimii dimookraasiifi fi mirgaaf godhamaa jirutti akka makamtaan waamicha isiin goonna.

3. Sochii haqaa kan hawaasinni Muslima Itoopiyaa godhaa jiru keessatti rakkoo mootummaan abbaa irree ummata amantaa biraa qabu waliin walitti isin buusuu barbaadu hubachuudhaan sochiin kun sochii sirna dimookraasii haqaa biyya guutuu keessatti mirkaneesu akka ta’uu dandayu sochii keessaan sochii ummatootaa fi humnoota dimookraasii hunda waliin qindeefachuun gara sochii waloottti akka guuddiftaan waamicha isiniif goona.

4. Umanni Itoopiyaa shira mootummaan abbaa irree ummata biyyatti ilaalcha amantii fi sanyiin adda qoodee bara bittaa isaa dheerefachuuf raawwachaa jiru gadi fageenyaan hubachuudhaan sirna mootummaa wayyanee kuffisuun sirna dimookraasii fiduuf tokkummaa fi murannoon akka qabsooftaan waamicha isiniif goona.

5. Ummanni biyyattii hojjataan, daldalaan, qotee bulaan, barsiisaa fi barataan hundii sirna dimookraasii haqaa kan olaan’ummaan seeraa keessatti mirkanaawu biyya keenya keessati fiduuf waloon akka qabsoofnu waamicha biyyummaa isiniif goona.
Yaada bu’urra kana qabanne sochiin goonnu, Itoopiyaa keessatti heeraa fi seeraan, bilisummaan, woliqixximmaan mootummaan fedhii ummataatiin ijaaramu haga dhaabaatutti Ummata Itoopiyaaf wadaa seenna.

Sponsoring organizations:

Advocacy for Ethiopia
Alliance for Liberty, Equality and Justice in Ethiopia (ALEJE)
All Ethiopia Socialist Movement (ME’ISONE)
Biruh Ethiopia Democratic Movement (Biruh)
Ethiopian Border Affairs Committee
Ethiopian National Priorities Consultative Process (ENPCP)
Ethiopian National Transitional Council (ETNC)
Ethiopian People’s Congress for United Struggle (Shengo)
Global Civic Movement for Change in Ethiopia (Beka)
March 4 Freedom
Oromo Liberation Front (Led by Gen Kemal Gelchu)

August 10, 2012

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Generate with AI

AiBud WP Chat
Scroll to Top